Magaalaa Finfinneetti namoota harka qalleeyyiif manni gandaa kenname

Finfinnee, Eebila 30, 2012 (FBC) –Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Qirqoositti jiraattoota harka qalleeyyii 44f manni jireenyaa kenname.

Kanaanis maatiin 185 fayyadamoo ta’aniiru jedhame.

Kutaan bulchiinsa magaalichaa Sooma Ramadaanaa sababeeffachuun hordoftoota Amantaa Islaamaa kuma 2 fi 200 gargaarsa midhaan nyaataa fi Zaytaa taasiseera.

Dabalataan hoggantoonni kutaa bulchiinsa magaalichaa 150 ta’an dhiiga arjoomaniiru jedhame.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee sababa weerara vaayrasii koroonaan hawaasni rakkoo hamaaf akka hin saaxilamne xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment