Magaalaa Finfinneetti namni dhuunfaan maallaqa noottii sobaa qabatee argame too’atame

Finfinnee, Sadaasa 28, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti namni dhuunfaan maallaqa noottii sobaa qabatee argame too’atamuu Komishiniin Poolisii federaalaa beeksise.
Magaalaa Finfinneetti namni dhuunfaan maallaqa noottii sobaa Afrikaa Kibbaa fi lakkoofsa herreega baankii garaagaaraan Birrii kuma dhibba tokkoo fi kuma 84 qabatee aragame too’atame.
Namni dhuunfaan kun kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 7 iddoo addaa buufata konkolaataa jedhamuun beekkamutti eeruu ummatarraa argameen too’annoo jala ooluu ibsameera.
Shakkamaan kun naannoo Amaaraa Godina Goojjam Lixaarraa gara magaalaa Finfinnee kan dhufee fi maallaqa noottii sobaa Afrikaa Kibbaa kana nama biroorraa Birrii Ityoophiyaa kuma 57 bituu himeera.
Yeroo ammaa poolisiin qorannoo dabalataa gaggeessaa jiraachuu ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment