Magaalaa Finfinneetti mana waliin jireenya tokkorratti balaa ibiddaa qaqqabeen lubbuun daa’ima 1 darbe

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC)-Guyyaa kaleessaa Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraatti mana waliin jireenyaa tokkorratti balaa ibiddaa qaqqabeen lubbuun daa’ima 1 yoo darbuu, daa’imman 2 irra miidhaan qaqqabeera.
Balichi kan qaqqabee kutaa magaalichaa aanaa 4 iddoo mana waliin jireenyaa Arraabsaa jedhamutti ta’u ibsameera.
Balichaanis daa’imni waggaa 6 lubbuun wayita darbu, obboleettiin daa’ima kana aaraa ibiddachaan ukkaanfamuun balaan irra ga’eera.
Wayita ibiddichi muudatuutti mana keessaa kan turte hojjettuun mana keessaa umriin ishee waggaa 18 ta’ee, darbii 2ffaarra utaaluun of oolchuuf yaalii taasifteen miidhaan qaama cimaan irra ga’eera.
Miidhamtu kanaafis deeggarsi waallansa’aa fayyaa taasifamaafi jiraachuu Komishinii hoggansa sodaa balaa magaalaa Finfinneetti ogeessii hariiroo uummataa komishinichaa obbo Nigaatuu Maammoo Faanaa Broodkaasting Koorporeetti himaniiru.
Balaa qaqqabeen qabeenyi Birrii kuma 50tti tilmaamamu kan barbadaa’ee yoo ta’uu, hirmaannaa hojjettoonni balaa ibiddaa taasisaaniin ibiddichi osoo hin babal’atiin dhaamsameera.
Sababni balichaa elektirikiin kan walqabatee ta’uu obbo Nigaatuun himaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment