Magaalaa Finfinneetti mana barumsaa baasii Birrii miiliyoona 50 ijaaramuuf Kaardinaal Biraana’iyyasuus dhagaa bu’uuraa kaa’an

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2015 (FBC)- Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 13tti mana barumsaa baasii Birrii miiliyoona 50’n ijaaramuuf Kaardinaal Biraanayyasuus dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Manneen barnootaa dhaabbilee amantaatti aananii bakka naamuusni gaariin itti  baratamu ta’uu  Kaardinaal Birhaanayyasuus saganticharratti ibsaniiru.

Hojii Raawwachiistuu olaantuun  aanaa 13 aadde Fireehiywoot Shifarraaw gamasaaniin, aanichatti waliin gahiinsa barnootaa mirkaneessuuf ijaarsiifi babal’inni  manneen barnootaa akka kanaa qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Manni barumsichaa ijaaramee hanga xumuramutti  bulchiinsi aanichaa deeggarsa itti fufaa  kan taasisu  ta’uu mirkaneessaniiru.

Ijaarsi mana barumsichaa tumsa  Giloobaal Fand Ingeejimantiifi Waldaa Kaapuchuun jedhamaniin yoo ta’u, waggoottan lama keessatti xumuramee tajaajilaaf ni ga’a jedhamee kan eegamu ta’uu ragaan kominikeeshinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment