Magaalaa Finfinneetti lammiilee kuma 12 fi 500 oliif maaddiin qoodame

Finfinnee, Bitootessa 26, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Ayyaanaa Iid Al Faxir sababeeffachuun lammiilee kuma 12 fi 500 oliif maaddiin qoodameera.
Kutaa Magaalaa Addis Katamaatti Ayyaana Iid al-Faxir waggaa 1445ffaa sababeeffachuun namoota harkaa qalleeyyii ta’an kuma 12 oliif maaddiin qoodameera.
Aanaalee kutaa magaalichaa 12 keessatti meeshaaleen Birrii miliyoona 42tti kan tilmaamamu deeggarsaan kennameera.
Kutaa Magaalaa Lammii Kuraattis ayyaana namoota 500f sagantaan maaddii qooduu gaggeeffamuu AMN gabaaseera.
Comments (0)
Add Comment