Magaalaa Finfinneetti lakkoofsi namoota Covid -19 qabamanii 2988 ga’e

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2012 (FBC) –Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoonni 101 vaayrasii koroonaatin qabamuu Biiroon Fayyaa magaalaa Finfinnee beeksise.
 
Sa’aa 24 darbeetti namoonni 4 lubbuun darbaniiru.
 
Namoonni 2 yaalarra kan turaniidha.
 
Namni 1 reeffarraa samuudaa fudhatmeen kan mirkanaa’e, yoo ta’u, 1 ammoo yaala dhibee biroof dhaabbata fayyaa keessa kan ture ta’uu biirichi beeksiseera.
 
Namoota 101 keessaa 17 Addis Katamaa, 21 Gullalleen, 3 Boolee,28 Liddataa,7 Kolfee Qaraniyoo, 6 Qiirqoos, 2 Eekkaa, 14 Nifaas Silk Laaftoo , 1Aqaaqii Qaallittii, yoota’an, teessoon namoota 2 qoratamaa jiraachuu biirichi beeksiseera.
 
Waliigalaan qorannaadhan kan irratti argame 2988 ga’eera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment