Magaalaa Finfinneetti hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisaa fi balaaleffannaa garee shororkeessitootaa kutaa hawaasaa hunda hirmaachise gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisaa fi balaaleffannaa garee shororkeessitootaa kutaa hawaasaa hunda hirmaachise Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira.

Hiriiricharratti Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni bulchiinsa magaalichaa biroo argamaniiru

Hiriira kanarratti Jiraattoonni kutaalee magaalichaa hundarraa walitti babba’an hirmaachaa jiru jedhame.

Jiraattoonni kunneen Juuntaan diina Ityoophiyaati, Itti gaafatamummaan keenya seenaa qabeessa, weerartuu diinaaf hin jilbiiffannu, nuti osoo jirruu Ityoophiyaan hin diiggamtu, eenyummaa diina alaaf jilbiiffachuu hin qabnu, Ityoophiyaan lola bakka bu’iinsaaf hin jilbiiffattu, muul’ata Ityoophiyaa eenyuyyuu hin dhaabsiisu, weereegama kaffaluun Ityoophiyaa itti fufsiisna dhaadannoowwan jedhuun hiriira balaalleffannaa gaggeessaa jiru.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment