Magaalaa Finfinneetti guyyaan yaadannoo haleellaa Ajaja Kaabaa irratti rawwatame yaadatamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015(FBC)- Magaalaa Finfinneetti guyyaan yaadannoo  haleellaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaarratti  rawwatame Waggaa 2ffaan  mooraa Bulchiinsa magaalichaa keessatti yaadatamaa jira.

Sirnicharratti  Itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee  Obbo Jaanxiraar Abbaayiifi hoggantoonni olaanoon bulchiinsa magaalichaai miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa argamaniiru.

Obbo Jaanxiraar Abbaay haasawaa taasisaniin, guyyaan har’aa warreen  wareegaman kan itti yaadannuudha jedhan.

Haleellaa Ajaja Kaabaarratti raawwatame yoomiyyuu hin irraanfannu jechuun, Ityoophiyaan har’as gotoota biyya  isaanii jaallatan qabaachuu eeruun, Alaabaa ishee olkaasanii mirmirsuu kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.

Guyyichi guyyaa Ityoophiyaan marii nageenya itti xumurte ta’uun isaa adda isaa taasisas jedhaaniiru.

Jaalallii Hayiluutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment