Magaalaa Finfinneetti gabaa guyyaa dilbataa eegale cimsuuf mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti gabaa dhaabbilee hojii gamtaan guyyaa dilbataa eegale cimee itti fufsiisuuf waltajjiin sosochii fi walitti hidhamiinsa gabaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Waltajjicharratti Ittaanaan komishinaraa Komishinii Hojiilee Gamtaa Ityoophiyaa Abdii Muhiimad, Ittaanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee obbo Zhaanxiraar Abbaay, hoggantoonni olaanoon Federaalaa, naannolee fi magaalotaa argamaniiru.

Waltajjichaan gabaa guyyaa dilbataa eegale cimee akka itti fufuuf hojiilee hedduun hojjetamuu ibsameera.

Gabaan guyyaa dilbataa kun daballii gatii tasgabbeessuu fi hawaasni gatii madaalawaan oomisha salphaan akka argatu taasisuu obbo Zhaanxiraar Abbaay kaasaniiru.

Gara fuulduraattis hojiileen hedduun hojjetamuu qaban jiraachuu eeraniiru.

Walitti hidhamiinsa gabaa uumame cimsanii itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Gabaa tasgabbeessuuf bulchiinsi magaalichaa Birrii biiliyoona 1 ramaduu fi kana keessaa miiliyoona dhibba 5 oomishaalee qonnaaf oolchuu himaniiru.

Sochii Bittaa fi gurgurtaa gabichaa hanga yoonaatiin Birrii miiliyoonni 13 adeemsifamuu eerameera.

Magaalichatti bakkeewwan gabaa 11 jiraachuu fi gara 20tti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Hojiilee gamtaa 85 jiran gara 132tti guddisuuf kan hojjetamu ta’uu fi galii bittaa fi gurgurtaa gara Birrii miiliyoona 20 guddisuun kan danda’amu ta’uu ifoomeera.

Xumura waltajjichaan sanadni waliigaltee bittaa fi gurgurtaa oomishaalee qonnaa kuntaala kuma dhibba 1 gara kuma dhibba 5tti guddisuuf taasifamu ni mallatteeffamaan eegama.

Zabiibaa Taklaayitu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment