Magaalaa Finfinneetti Dilbata dhufu Aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona 1 dhaabuuf qophiin taasiifamaa jira jedhame

Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Dilbata dhufu Aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona 1 dhaabuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu Ejansiin Misooma Sululaa fi Bulchiinsa Naannoo Magariisaa magaalichaa beeksiiseera.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa mata dure ‘Koottaa Finfinnee yaa uwwisnu’ jedhuun torbee darbee eegalee iddoolee garaagaraatti gaggeeffamaa jiraachuu Daayreektarri olaantuun Ejansichaa Injiinar Tsiyoon Tashoomaa ibsaniiru.
Adooleessa 4, 2013 aduu tokkotti guutuu magaalichaa keessatti biqiltuu miiliyoona 1 dhaabuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu eeraniiru.
Sagantichaaf biqiltuuwwan biyya keessaa nyaataa fi miidhagina naannoof oolaan qophaa’uu himaniiru.
Boolli dhaabbii biqiltuus qophaa’uu kaasaniiru.
Sagantaa kanarratti hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaa, namoonni bebbekkamoon, Maatiin Ispoortii, Abbootiin Amantaa, qaamoleen nageenyaa, dargaggoonnii fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa kan hirmaatan ta’uu Injiinar Tsiyoon himuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment