Magaalaa Finfinneetti dhaabbilee daldalaa seera daldalaa cabsanirratti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa fudhatamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2013 (FBC) –Magaalaa Finfinneetti qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuuf dhaabbilee daldalaa seera daldalaa cabsanirratti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa fudhatamaa jiraachuu ibsameera.

Biiroon daldaalaa magaalaa Finfinnee dhaabbilee daldalaa kuma dhibba 4 fi kuma 39 fi 941 irratti irra deddeebiin hordoffii fi to’annoo taasiisaa kan ture yoo ta’u, kanneen hojii seera alummaa keessatti hirmaatanii argamirratti tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa fudhachuu beeksiiseera.

Haaluma kanaan dhaabbilee daldalaa kuma 12 fi 105 saamsuu fi dhaabbilee kuma 24 fi 980f ammoo barreeffama of eeggannoo laachuu ibseera.

Dhaabbileen daldalaa 76 hojiirraa ittifamuu, 119 irratti himanni banamuu fi 92 walitti hidhamiinsaa ala akka ta’an taasiifamuu biirichi ibseera.

Waliigala dhaabbilee seera ala socho’aa turan kuma 10 fi 545 irratti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa fudhamuu, akkasumas eeyyamni daldalaa isaan haqamuu ibsameera.

Kuusaawwan seeraa ala oomisha kuusaan 31 saamsamaniiru.

Hojii daldala seeraa alaa fi kontiroobaandii ittisuuf hojjetameen oomishaaleen birrii miiliyoon dhibba 1 fi miiliyoona 32.2tti tilmaamamu to’atamaniiru.

Daddabarsa maallaqa seeraan alaa to’achuuf sakattoo tasaa dhaabbilee 166 irratti taasiifameen birriin miiliyoonni 7.2, Doolaarri Ameerikaa kumni dhibbi 1 fi kumni 12, Raandiin Afrikaa Kibbaa kumni 8 fi 700 fi maallaqni biyyoota biroo to’atamuu biirichi beeksiseera.
hojii hojjetameen

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment