Magaalaa Finfinneetti deeggarsi weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasifamu itti fufeera

Finfinnee, Eebila 4, 2012 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti tumsi weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasifamuu cimee itti fufeera.

Guyyaa har’aa dhaabbileen, Qonnaan bultoonni, qaamooleen dhuunfaa kutaa magaalaa Finfinnee deeggarsa taasisaniiru.
Haaluma kanaan:-
1. Qonnaan bultoonni kutaa bulchiinsa Eekkaa Xaafii kuntaala 100
2. Qonnaan bultoonni kutaa bulchiinsa Nifaas Silk Laaftoo Xaafii kuntaala 130
3. Qonnaan bultoonni kutaa bulchiinsa Aqaaqii Qaallittii Xaafii kuntaala 223
4. Warshaan Saamunaa Tooriiyaa saamunaa kaartoonii 400
5. Dhaabbanni Daawwachiisaa Habashaa konkolaataa Haayruufii 1 fi Saamunaa kaartoonii 300
6. Dhaabbanni Oomootik Jeneeraal Muuzii kg 550, Dinnicha kuntaalaa 120, Timaatima Saanduqa 60, Qullubbii Saanduqa 60, Sooftii 500, fi haguuggii fuula fi funyaanii kuma 1
7. Dhaabbanni alergii fi gaclhaa Koomaa akkaadaamii Sawunat Bishaw waliin ta’uun saamunaa qaamaa fi uffataa kaartoonii 70 fi Xaafii kuntaala 50
8. Dhaabbanni G fi S Istaar Diraagoon haguuggii fuulaa kuma 50 fi uffata meediikaalaa 500
9. Dhaabbaanni Kookaa Kollaa dhugaatii lallaaffaa saanduqa kuma 12 fi 672, daakuu kuntaala 208, Zayta kaartoonii 355, paastaa 401 fi Saanitaayzarii 81
10. Gareen Biyyaaleessa dhiiraa fi dubartootaa Ityoophiyaa Birrii kuma dhibba 1 fi kuma 20
11. Leenjiftoonni garee biyyaalessaa, Priimeyar liigii fi suuppar Liigii Ityoophiyaa Birrii kuma dhibba 1 fi kuma 25
12. Komishiniin qonnaan bultootaa fi qonnaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Boqqoollaa kuntaala 150 fi abbaa warraa kuma 1 fi 655niif meeshaalee qulqullinaa fi shaqaxa nyaataa
13. Meeylaanchi kaafee fi Reestooraantiin birrii kuma 50
14. Jiraattoonni mandara Aaltaad Birrii kuma 70
15. Dhaabbanni galchaa walligalaa Saamu’eel Kaasahuun Taankarii Kuusaa Bishaanii Birrii miiliyoona 1 baasu gamaachuu isaanii ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa arganne ni muul’isa.

 

Comments (0)
Add Comment