Finfinnee, Adooleessa 20, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Dargaggoonni fi ogeeyyiin yaala Fayyaa kumni 3 ol kutaalee magaalichaa keessaa walitti babba’an fedhii isaaniin Raayyaa Ittisaatti makamaniiru.
Dargaggoonnii fi ogeeyyiin yaalaa kunneen dhaadannoo ‘Ityoophiyaa baraaruuf nan Duula, Eessattuu, Yoomiyyuu waan hundaan’ jedhuun har’a Raayyaa Ittisaatti makamaniiru.
Magaalaa Finfinneetti har’a sagantaan gaggeessaa dargaggootaa fi Raayyaa Ittisaaf deeggarsa walitti qabame laachuu sirna hoo’aa ta’een gaggeeffameera.
Sosochii deeggarsa Raayyaa Ittisaa walitti qabuuf taasiifameen guyyoota mursaa keessaatti kutaalee magaalicha hunda keessaa Sangoonni, Hooloonnii fi meeshaaleen nyaataa biroo Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 50 olitti tilmaamamu walitti qabamuu ibsameera.
Waliigala akka magaalichaatti Birrii biiliyoonni 1.1 ol Raayyaa Ittisaaf deeggarsaan laatamuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.