Magaalaa Finfinneetti daldaltoota haala yeroo sababeeffachuun daballii gatii taasiisanirratti tarkaanfiin ni fudhatama jedhame

Finfinnee, Onkokoleessa 26,2013 (FBC) –Daldaltoota haala yeroo sababeeffachuun meeshaalee fi tajaalilrratti daballi gatii taasiisanirratti tarkaanfiin kan fudhatu ta’uu Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinneetti beeksise.
 
Magaalichatti daldaltoota haala yeroo sababeeffachuun oomishaa fi tajaalirratti daballii gatii fi oomisha dhoksuun hanqinni oomishaa akka muudatu taasiisanirratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu hogganaan Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee obbo Abdulfattaa Yeesuuf ibsaniiru.
 
Dabalataan daldaltoota seeraan alaa carraa uumameetti fayyadamuun oomisha yeroon tajaajilaa irra darbee fi wantoota fayyaa namaaf balaa ta’an itti dabaluun gabaaf dhiyeessan irratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu obbo Abdulfattaan eeraniiru.
 
Biirichi daldaltoota hojii seeraan alaa raawwatan too’achuuf koree qindeessee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Hawaasni magaalichaa dhiyeessii ga’aan jiraachuu hubachuun tasgabbiin adeemsa bittaa fi gurgurtaa raawwaachuu akka qabu hubachiisaniiru.
 
Hawaasni adeemsa bittaa fi gurgurtaa gaggeessu keessatti waan shakku yoo qabaate karaa lakkoofsa bilbilaa bilisaa 8588 fi qaamolee nageenyaa dhiyeenya isaatti argamuuf eeruu laachuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment