Magaalaa Finfinneetti Boombiin kufee argame dhoohuun nama dhuunfaa tokkorra miidhaa salphaa qaqqabsiisuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Boombiin kufee argame dhoohuun nama dhuunfaa tokkorra miidhaa salphaa qaqqabsiisuu Komishiniin Poolisii magaalichaa beeksise.

Kutaa bulchiinsa Eekkaa aanaa 7 iddoo addaa Riqicha Adwaa jedhamutti ganama har’aa sa’aatii 2:00 irratti Boombiin tokko dhoohuun nama dhuunfaa tokkorra miidhaa salphaa qaqqabsiisuu ibsameera.

Gareen badii iddoo garaagaraatti miidhaa qaqqabsiisuuf socho’aa waan jiraniif hawaasni naannoo isaa dammaqinaan eeggachuu akka qabu komishinichi yaadachiiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

Comments (0)
Add Comment