Magaalaa Finfinneetti barnoonni kutaa 5ffaa hanga 8ffaa manneen barnootaa mootummaa keessatti eegalame

Finfinnee, Sadaasa 28, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti adeemsi baruu fi barsiisuu barnoota idilee bara 2013 kutaa 5ffaa hanga manneen barnootaa mootummaa keessatti egalame.
Itti aantuu kaantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee mana barumsaa Bakkaannisaa sadarkaa 1ffaatti argamuun adeemsa baruu fi barsisuu jalqabsiisaniiru.
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dareewwan dabalata kuma 2 fi 300 fi galmawwan nyaataa 118 ijaarramuun tajaajilaaf qophii ta’uu aadde Adaanachi ibsaniiru.
Kutaa tokko keessatti barattoonni 25 qofti akka baratan taasiisuuf qophiin xumuramuu dubbataniiru.
Adeemsi baruu fi barsiisuus dabaree lamaan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalicharraa  argame ni agarsiisaa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffan
Comments (0)
Add Comment