Magaalaa Finfinneetti barataan tokko lolaan fudhatamuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Gullalleetti rooba guyyaa kaleessaa roobeen barataan tokko lolaan fudhatamuu ibsameera.

Barataan mana barumsaa Kaatoolikii Laazaarist ta’e rooba guyyaa kaleessaa naannoo sa’aatii 9:00 roobeen lolaa uumameen fudhatamuu Ogeessi Kominikeshinii Ittisa Sodaa Balaa Abiddaa Magaalaa Finfinnee Obbo Nigaatuu Muluu Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Hojjettoonni dhaabbatichaa hawaasa waliin ta’uun baraticha barbaadaa jiraachuu ibsaniiru.

Ganna kanatti barattoonni gara manneen barnootaa wayita dhaqanis ta’e deebi’anitti maatiin of eeggannoo barbaachisaa akka taasisan yaadachiisaniiru.

Siisaay  Getinnatitu gabaase.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment