Magaalaa Finfinneetti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Adoolessa 23, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti balaa Tiraafikaa har’a barii mudateen lubbuun namoota 3 darbuu fi namoota 4 irra miidhaan qaamaa qaqqabuu ibsameera.

Balaan kun Kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo Aanaa 14 naannawaa safaraa jedhamee waamamutti qaqqabuu ibsameera.

Konkolaataan Piikkaappii jedhamu namoota 7 fe’ee imalaa ture konkolaataa fe’umsaa dhaabbatee turetti bu’uun balaa kana qaqqabsiisuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Magaalaa Finfinnee ibseera.

Gama biroon halkan edaa naannawaa sa’aatii 4:00 kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo Aanaa 10tti balaa Ibiddaa Warshaa Huccuu DN irratti mudateen miidhaan qabeenyaa guddaan dhaqqabuu komishinichi himeera.

Comments (0)
Add Comment