Magaalaa Finfinneetti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 2 darbe

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Boolee aanaa 1tti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 2 darbuu ibsameera.

Balaa Konkolaataan Siinoo Tiraakii jedhamu bakka addaa Daandii Haaraa Bulbulaa Masjiida Jaafar jedhamuun bakkamu fulduratti qaqqabsiiseen lubbuun dargaggoota lamaa darbuu ibsameera.

Dargaggoonni hojii eeggumsaarra turan umriin isaanii tilmaamaman waggaa 30 ta’an lama balaa kanaan du’uu isaanii ragaan Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment