Magaalaa Finfinneetti balaa lolaa muudateen lubbuun namoota 7 darbuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 12, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Rooba Cimaa Cabbiin makate guyyaa kaleessaa Roobeen hanga ammaatti lubbuun namoota 7 darbuun ibsame.
Balaa lolaa muudateen lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaan qaqqabuu Komishinarri Komishinii Hoggansa Ibiddaa fi Sodaa Balaa magaalaa Finfinnee Salamoon Fissahaa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Hanga ammaatti lubbuun namoota 7 darbuu ibsuun, hammi miidhaa qaqqabee har’a waaree booda kan ifoomu ta’uu kaasaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment