Magaalaa Finfinneetti baatii afuriif kan turu sagantaan misooma magariisaa fi eeggumsa naannoo dargaggootaa eegalame

Finfinnee, Muddee 10, 2013 ( FBC)  – Magaalaa Finfinneetti baatii afuriif kan turu sagantaan misooma magariisaa fi eeggumsa naannoo dargaggootaa eegalamuu ibsame.

 

Itti aantuun kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee sagantich eegalchiisaniiru.

 

Magaalaan Finfinnee iddoo ga’umsa Turistii akka taatuu fi sosochii diinagdee guddisuuf qulqullooftuu, miidhagduu fi jireenyaaf mijattuu taasiisuun barbaachisaadha jedhan aadde Adaanach.

 

Sagantaa misooma magariisaa fi eeggumsa naannoo dargaggootaa baatiwwan afuriif turu kanarratti dargaggoonni kumni 28  ol tola ooltummaan kan hirmaatan ta’uu dubbataniiru.

 

Qindeessummaa Komishinii Eeggumsa Naannoo fi Misooma Magariisaa magaalaa Finfinneen kutaalaa magaalotaa hunda keessatti dubartoonni, dargaggoonnii fi kutaaleen hawaasaa garaagaa biqiltuu kunuunsuun sagantaa  misooma magariisaa fi eeggumsa naannoo kan raawwatan ta’uu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment