Magaalaa Finfinneetti ayyaana Qillee sababeeffachuun maanguddootaa fi namoota humna hin qabne kuma 50f deeggarsi kan taasiifamu ta’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneett ayyaana Qillee sababeeffachuun maanguddootaa fi namoota humna hin qabne kuma 50f deeggarsi kan taasiifamu ta’uu bulchiinsa magaalichaatti Biiroon Qindeessaa tola ooltummaa beeksiseera.

Itti aanaa itti gaafatamaan biirichaa obbo Fissahaa Xibabuu ayyaanichaaf mata duree ‘namni tokko maatii tokkoof’ jedhuun sagantaan maaddii walii qooduu fi hojiin tola ooltummaa isaan tokko jedhan.

Kanaanis maanguddoonnii deeggarsaaf hirkoo hin qabnee fi harka qalleeyyiin kutaa magaalaa hunda keessatti argaman fayyadamoo ni ta’u jedhan.

Deeggarsa namoomaa taasifamu dabalataan ayyaana qillee sababeeffachuun manneen jireenyaa maanguddoota 187f suphaan ni taasiifama jedhan obbo Fissahaan.

Deeggarsi qaamolee kanneenif taasiifamu horii qalmaan ala maallaqatti yoo tilmaamamu birrii miiliyoona 16 ol ta’a jedhan.

Biirichi kennaa ayyaana qilleen baga geessanii maanguddoota kuma 50f arjoomuuf qophii taasiisaa turuu obbo Fissaahaan ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment