Finfinnee, Onkololeessa 22, 2015 (FBC)- Argisiisni daldala omishtummaa biyyoota idil addunyaa 30 kan hirmaatan Magaalaa Finfinneetti Onkololeessa 25-28 ,2015 ni gaggeeffama.
Yaa’ii 8ffaa ‘Afrikaa Soorsiingi Faashinii’ waltajjii idil Addunyaa omishtoota huccuu fi alergitoota waliitti fiduudha jedhameera.
Argisiisni kunis daldala jirbii Afrikaa, waarsha huccuu, uffannaa, gogaa fi omisha teeknooloojii irratti kan xiyyeeffatu ta’uun ibsameera.
Argisisicharratti omishtoonni idil Addunyaa fi biyyaa keessaa 200 ol akka hirmaatan kan eegamu yoo ta’u, argisisichi lammilee omishtoota Afrikaatiif waliitti hidhamiinsa uumuuf kan yaadame akka ta’e eerameera.
Akkasumaas argisiisini daldalaa kun daldalaa bilisaa Ardii Afrikaa mijjessuuf kan yadaameedha jedhame.
Waltajichi qopheessummaa Ministeera Indaastirii, Waldaa Omishtootaa Huccuu Ityoophiyaa fi Eegziibiishinii Masee Firaankfuurt ta’un ibsameera.
Tigisti Birhaaneetuu gabase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.