Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC)-Guyyaa har’aa magaalaa Finfinneetti salaanni Iid gaggeeffamuusaatiin dura namoonni dhuunfaa muraasni hokkora kaasaniin qabeenyaarra miidhaan qaqqabuu poolisiin magaalichaa beeksiseera.
Amantoonni musiilimaas yeroo ammaa kana tasgabbiin gara dhufaniitti deebi’aa waan jiraniif hawaasni tasgabbiin ofii fi naannoosaa eeguu akka qabu poolisiin magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeesseera.
Poolisiin yerootti aanuuttis ka’umsa hokkorichaa fi dhimmoota biroo kanaan walqabatuu uummataaf kan ifoomsuu ta’uu ragaan Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.