Magaalaa Finfinneeti Birriin sobaa abbaan noottii 200 kumni 55 ol too’atame

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa buchiinsa Liddataatti Birriin sobaa abbaan noottii 200 kumni 55 ol too’atamu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.
Namooni dhimmicha waliin shakkaman 4 too’atamuun qoratamaa jiraachuu poolisiin beeksiseera.
Kutaa magaalaa Liddataa aanaa 10 naannoo Tagbaarayid jedhamee waamamutti namni tokko nootti abbaa 200 Birrii 100n jijjiirruuf wayita socho’u eeruu ummataan Birrii sobaa kuma 7 fi 400 abbaa noottii 200 waliin too’atamuu ibsameera.
Odeeffannoo shakkamaa too’annoo jala oole irraa argameen namoonii isa waliin hariiroo qaban 3 Birrii sobaa kuma 48 abbaa noottii 200 waliin too’atamuun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu ibsameera.
Noottii Birrii haaraa waliin walqabatee Birriin sobaa hedduun hojjetamuun gara hawaasatti tatamsa’aa jiraachuu ragaan Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Comments (0)
Add Comment