Magaalaa Fiicheetti namni dhuunfaan maallaqa sobaan bittaa fi gurgurtaa raawwachuuf ture too’atame

Finfinnee, Muddee 25, 2013 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Fiicheetti namni dhuunfaan maallaqa sobaan bittaa fi gurgurtaa raawwachuuf ture eeruu uummataan too’atamuu Qajeelchi Poolisii godinichaa beeksise.
Namni kun guyyaa kaleessaa naannoo mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Abiyoota Firee jedhamutti maallaqa sobaan muka qoraanii wayita bituuf yaaluu noottii birrii sobaa kuma 20 fi 800 waliin taa’annoo jala ooluu ibsameera.
Namtichi kun faddaalummaa horiirratti bobba’ee kan argamu yoo ta’u, maallaqni harkatti argame hojii faddaalummaarraa kanan argadhe jechuun dubbataeera.
Dhimmi yakkamichaa qulqulaa’aa jiraachuu ibsameera.
Godinichaatti iddoolee bittaa fi gurgurtaan loonii fi oomisha midhaanii itti gaggeeffamutti maallaqni sobaa baay’inaan naanna’aa jiraachuu mallattoon tokko tokko kan agarsiisu ta’uu Qojeelchi Poolisii godinichaa hubachiiseera.
Gabaa ayyaana Qillee gaggeeffamu keessatti hawaasni maallaqa kana of eeggannoo taasiisu akka qabu Qajeelchi Poolisii godinichaa hubachiiseera.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment