Finfinnee, Hagayya 26, 2013 (FBC) – Magaalaa fi godina Jimmaatti dhaabbilee daldalaa seeraan alaa sochoo’a turan 900 oli irratti tarkanfiin fudhatamuu ibsameera.
Magaalaa Jimmaatti Sochii gabaa tasggabbeessuu fi Qaala’insa gabaa too’achuuf hojii hojjatameen manneen Daldalaa Seeraan ala socho’a turan 120) irratti tarkaanfiin fudhatamu waajjira daldala magaalaa Jimmaatti abbaan adeemsa hojii to’annoo gabaa obbo Ahimad Saaliin dubbataniiru.
Dhaabbilee tarkanfiichi itti fudhatame 120 keessaa 67 kanneen gita dabalan ta’u kan himan obbo Ahimad hojiin to’annoo koree hundaa’een cimee itti fufuu himaniiru.
Godina Jimmattis dhaabbilee daldalaa 748 irratti tarkanfii bulchiinsa fudhatamu Itti gaafatamaan waajjira daldalaa godinaa Jimmaa obbo Yaahyaa Aliyyiin dubbataniiru.
Aanaalee 20 fi bulchiinsa magaalaa tokko keessatti Koreen hundaa’e torban lamaan darbanitti hojii to’annoo fi sakata’insaa hojjetteen tarkanfiichi fudhatamu eeraniiru.
Tamasgeen Allabbaachawtu gabaase.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.