Finfinnee, Gurraandhala 25, 2013 (FBC) – Magaalaa Duukamiitti harka qalleeyyii kuma 3f deeggarsi midhaan nyaataa fi meeshaalee qulqullinaa taasiifamuu ibsameera.
Qindeessummaa Biiroo Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Oromiyaa fi Waajjira Bulchinsaa Magaalaa Duukamiin harka qalleeyyii kuma 3 oliif deeggarsi midhaan nyaataa fi meeshaalee qulqullinaa laatameera.
Namoota kanneeniif deeggarsi midhaan nyaataa, Zayitaa, meeshaaleen qulqullinaa, Baabburri midhaan Daakuu fi Wiilchariin laatameera.
Kaantibaan Magaalaa Duukam, obbo Tashoomaa Girmaa qaamolee deeggarsi laatame akka milkaa’uuf qooda qaban galateeffataniiru.
Aadaan walgargaarsaa eegalame cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.
Namoonni deeggarsa argatan hojjetanii jireenya isaanii akka jijjiiruu qaban hoggantuun Biiroo Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu dubbataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.