Magaalaa Dirree Dawaatti Konfiransiin duudhaalee aadaa biyyaalessaa gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Magaalaa Dirree Dawaatti Konfiransiin duudhaalee aadaa biyyaalessaa gaggeeffameera.

Duudhaaleen aadaa qabeenya sabaa fi sablammiilee qofa osoo hin taane, qabeenya Ityoophiyaa fi bu’uura tokkummaa ta’uu Ministeera Aadaa fi Ispoortiitti Ministir Deetaan Damee Aadaa fi Afaanii Aadde Warqinash Birruun ibsaniiru.

Biyyoonni yeroo ammaa sadarkaa guddinaa olaanaarra ga’an duudhaalee aadaa isaanii eeguun haalaan itti fayyadamuun ta’uu eeruun, Ityoophiyaanonni kanarraa barumsa guddaa fudhachuu qabu jedhaniiru.

Konfiransichi waliin mari’achuunii fi wal deggaruun badhaadhinaaf aadaa hojii fooyyessuuf, qabeenya uummachuun aadaa qusannaa gabisachuuf akkasumas duudhaalee aadaa daran mul’isuuf kan dandeessisu ta’uu Hogganaan Biiroo Aadaa fi Turizimii magaalaa Dirree Dawaa Obbo Mikaa’el Indaalaa ibsaniiru.

Nasrii Yusuuftu gabaase.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment