Magaalaa Dirre Dhawaatti hiriirri deeggarsaa Injifannoo Bitootessa 24 gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 27, 2016 (FBC) – Magaalaa Dirre Dhawaatti hiriirri deeggarsa Injifannoo Bitootessa 24 mata duree “Nageenya Keenya cimsuun Nageenyaa fi Badhaadhina Itiyoophiyaa ni mirkaneessina” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Jiraattoonni Magaalaa fi Naannawaa bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawwarraa walitti babba’an hiriira kanarratti hirmaachaa jiraachuun Kominikeeshinii magaalicharraa argame ni mul’isa.
Hirmaattoonni dhaadannoowwan ‘injifannoo keenya ni eegganna, mirkaa’ina itti aanuuf waloon hojjenna, nageenyi hundaaf, Hundi nageenyaaf, seenessa waloo ijaarsa biyyaaf, Itiyoophiyaa Obbolummaa sabdaneessaa cimaarratti hundoofte ni ijaarra jedhu dhageessisaa hiriira deeggarsaa kana gaggeessaa jiru jedhame.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment