Magaalaa Dirre Dhawaa duulli sagantaan dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magaariisaa guyyaa tokkoo gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaatti Duulli dhaabbiin biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 600 gaggeeffamaa jira.

Bulchiinsa Dirre Dhawaatti dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa bara kanaatiin biqiltuun gosoota gara garaa miiliyoonni tokko akka dhaabamuu kan himan Itti Gaafatamaa Biiroo Qonnaa, Albuudaa fi Inarjii Bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaa Obbo Nuuraddin Abdallaan himaniiru.

Duula Dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa kana irratti miseensonni Raayyaa Ittisaa, jiraattoonnii fi Poolisiin Federaalaa hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Kadir Shamshadiintu gabaase.

#Ashaaraa_Magariisaa #Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment