Magaalaa Dirre Dawaatti miseensonni shanee fi meeshaaleen waraanaa garaagaraa to’ataman

Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC) – Magaalaa Dirre Dawaatti miseensonni shanee fi meeshaaleen waraanaa garaagaraa gochaa shororkeessummaa raawwaachuuf socha’aa turan to’atamuu Ajajni labsii yeroo ariifachiisaa beeksiise.

Miseensonni Shanee Baha biyyattii magaalaa Dirre Dawaatti Muddee 11, 2014 iddoo addaa Gindagabaree jedhamutti walitti bu’iinsaa uumuu Komishinarri Komishinii Poolisii magaalichaa Alamuu Margaan ibsaniiru.

Kana hordofee Tajaajilli Odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa, Komishiniin Poolisii Dirre Dawaa, Poolisiin Federaalaa, Raayyaan Ittisa biyyaa fi qaamoleen nageenyaa biroo duula gaggeessaniin miseensota shanee 4 meeshaalee waraanaa iddoolee garaagaraa dhoksuun hawaasa fakkaachuun sochaa’aa turan to’amuu ibsaniiru.

Dabalataan shakkamtoonni 24 to’annoo jala ooluu ragaan Miidiyaa bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaarraa argame ni muul’isa.

Kilaash Kooviin 20 rasaasa kuma 2 fi 648 waliin, Rasaasni Bireenii 798, Raadiyoo quunnamtii dabalatee meeshaaleen waraanaa garaagaraa sakattoo gaggeeffameen to’atamuu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment