Magaalaa Dambii Doollootti ayyaana Faasikaa sababeeffachuun harka qalleeyyiif deeggarsi taasifame

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) –Godina Qellem Wallaggaa Bulchiinsa Magaalaa Dambii Doollootti ayyaana Faasikaa sababeeffachuun namoota harka qalleeyyii ta’aniif deeggarsi taasifameera.

Deeggarsicha Waajjirri Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii fi Waajjirri Hawaasummaa magaalichaa wal-ta’uun taasisaniiru.

Deeggarsichi Lukkuu fi zayitii nyaataa ta’uu ibsameera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dambii Doolloo Obbo Ashannaafii Duulaa, kennaan kun aadaa wal-gargaarsaa kanaan dura qabnu waan taheef deggarsichi taasifameeraan himuusaanii ragaan Kominikeeshinii godinichaarra argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment