Magaalaa Burraayyuutti Boombiin Harkaa 4 fi Fanjiin 1 qabame

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Burraayyuutti Boombiin Harkaa 4 fi Fanjiin boba’aan 1 qabameera.

Meeshaaleen waraanaa seeraan alaa kunneena eeruu hawaasaan ganda Gafarsaa Burraayyuutti mana nama dhuunfaa keessaa qabamuu ibsameera.

Poolisiin eeruu ummataa bu’ura godhachuun sakattoo gaggeesseen meeshaaleen kunneen argamuu himameera.

Magaalichatti baatii tokko keessatti Kilaashiin 12, Boombiin harkaa 10 fi Fanjiin lama to’annoo jala ooluu waajjirri dhimmoota kominiikeeshiniin mootumma magaalaa Burraayyuu beeksiseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment