Magaalaa Burraayyuutti balaa Ibiddaa qaqqabeen qabeenyi Birrii miiliyoona 10tti tilmaamamu barbadaa’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 10, 2013 ( FBC) – Magaalaa Burraayyuutti guyyaa kaleessaa naannoo sa’aatii 8:00 balaa Ibiddaa qaqqabeen qabeenyi Birrii miiliyoona 10tti tilmaamamu barbadaa’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa magaalaa Finfinnee beeksise.
Balichi magaalaa Burraayyuu ganda Gafarsaa Noonnootti kan qaqqabe yoo ta’u Suuqiiwwan 16, manneen jireenyaa 3, Baarii fi Reestooraantoonni 3 gubataniiru.
Balaa qaqqabeen qabeenyi Birrii miiliyoona 10tti tilmaamamu barbadaa’uu fi qabeenya Birrii miiliyoona 25 tilmaamamu ammoo baraaruun danda’amuu Kominiikeetarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa magaalaa Finfinnee obbo Gulilaat Gaataanahi ibsaniiru.
Balichaan miidhan namarra ga’ee kan hin jirre ta’uu eeraniiru.
Ka’umsi balichaa qulqullaa’aa akka jirus himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment