Magaalaa Buraayyuutti rasaasni seeraan alaa kuma 4 ol to’atame

Finfinnee, Sadaasa 18, 2014 (FBC) –Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuutti rasaasni seeraan alaa kuma  4 fi dhibba 3 fi 41 to’atamuu ibsameera.

Rasaasni  kun humna shororkeessaa Shaneef osoo geeffamuu horddoffii qaamoolee nageenyaan iddoo addaa Ganda Gafarsaa Noonno jedhamuutti to’atamuu ibsameera.

Hawaasni qaamolee nageenyaa waliin ta’uun naannoo isaa dammaqinaan eeguun nageenya isaa mirkaneeffachuu qaba jedhame.

Maddi:- Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment