Magaalaa Buraayyuutti Hidha Haaromsaaf Birrii miiliyoonni 41.5 walitti qabame

Finfinnee, Qaammee 4, 2014 (FBC) – Magaalaa Buraayyuutti torbee tokko keessatti Hidha Guddicha Haaromsaa Ityoophiyaaf Birrii miiliyoonni 41.5 walitti qabamuu ibsame.
Ummanni Oromoo milkaa’ina Hidha Guddichaa Haaromsa Ityoophiyaaf deeggarsa taasisuu itti fufuu akka qabu Hogganaan Biiroo Kominikeshiinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa waamicha dhiyeessaniiru.
Oromiyaatti deeggarsi hidha haaromsaaf taasifamu cimee itti fufuu Obbo Hayiluun eeraniiru.
Naannoo Oromiyaatti bara kana Birrii miiliyoona dhibba 6 walitti qabuuf karoorfamee kutannoo ummanni misoomuuf qabuun hanga ammaatti Birriin miiliyoonni dhibbi 9 walitti qabamuu ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment