Magaalaa Bulee Horaatti balaan abiddaa uumame qabeenyaarra  miidhaa geessise

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Magaalaa Bulee Horaatti balaan abiddaa yeroo sadaffaaf sababa boba’aatiin uumame qabeenyaarra miidhaa geessisuu ibsame.

Magaalaa Bulee Horaatti yaaddoo ta’aa kan dhufe balaan abiddaa sababa boba’aatiin gahaa jiru guyyaa har’aa yeroo sadaffaaf uumamuu Waajjirri poolisii magaalitti beeksiseera.

Balaa kanaan konkolaataan fe’umsaa ‘ISUZU’ boba’aa, raabsaa boba’aa ‘Yatabaabaruut’ irraa fe’achuun gara baadiyaa geejjibsiifamutti ta’uun beekameera.

Balaa kanaan qabeenyi barbadaa’us, lubbuun namaa darbe kan hin jirre ta’uu ibsameera.

Itti gaafatamaan Waajjira Poolisii Magaalaa Bulee Horaa Saajin Olaanaa Galgaloo Mi’eessaa, madda balaa uumamee qorataa akka jiran himuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment