Magaalaa Bishooftuutti hawaasa harka qalleeyyiif deeggarsi garaagaraa taasiifame

Finfinnee, Hagayya 30, 2015 (FBC) – Magaalaa Bishooftuutti ayyaana bara haaraa sababeeffachuun hawaasa harka qalleeyyiif deeggarsi garaagaraa taasiifameera.

Dhaabbanni Chaayinaa magaalaa Bishooftuutti argamu, ‘DI YUAN CERAMICD’ jedhamu ayyaana bara haaraa sababeeffachuun hawaasa harka qalleeyyii magaalaa Bishooftuu keessatti argamaniif meeshaalee nyaataa Birrii miiliyoona 1.2 baasaan deeggarsa taasiiseera.

Dhaabbatichi Zayita Nyaataa, Hanqaaquu, Lukkuu fi Ruuzii deeggarsa taasiisuu ibsameera.

Hoogganaan Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Haawasummaa Oromiyaa Obbo Araarsoo Biqilaa fi Itti Aantuun Kantiibaa magaalaa Bishooftuu Aadde Zaaraa Kadir meeshaalee kanneen hawaasaaf harka qalleeyyii kanneeniif laataniiru.

Dinqaa Baacaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment