Magaalaa Baatuutti hojiileen misooma qarqara Haroo Dambal daawwatame

Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC) – Jilli Dura Ta’aa Koree Dhaabbii Dhimma Misooma Magaalaa Caffee Oromiyaa Obbo Abdulqaadir Huseeniin durfamu, Magaalaa Baatuutti hojiilee misoomaa qarqara Haroo Dambal daawwateera.

Jilichi Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa 18ffaa bara kanaa sababeeffachuun Magaalaa Baatuutti hojiiwwan misoomaa qarqara Haroo Dambalitti hojjetamaa jiran daawwateera.

Magaalonni duudhaa Oromummaa qabatanii akka guddataniif Caffeen Oromiyaa Labsiiwwan gurmaa’insaafi guddina sadarkaa magaalotaa baasee hojiirra oolchuu isaa Obbo Abdulqaadir Huseen ibsaniiru.

Qabeenya tuuriizimii magaalaan Baatuu uumamaan qabdutti sona dabaluun magaalaa filatamtuu taasisuuf Haroo Dambal misoomsuun guddina misooma magaalaaf murteessaa ta’uu eeruu isaanii ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Magaalota qulqulluu, miidhaginaa, bu’uura misoomaan guutameefi magariisa ta’an ijaaruuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa Obbo Mahaammad Guyyee ibsaaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment