Magaalaa Baahirdaarittti ijaarsi daandii asfaaltii Birrii biiliyoona 2.4 eegale

Finfinnee, Mudde 20, 2015(FBC)-Magaalaa Baahirdaaritti ijaarsi daandii asfaaltii Birrii biiliyoona 2.4 eegaleera.

Dursaa Ittaanaa Kantiibaa Magaalaa Baahirdaar Dires Saahiluu, magaalichaatti bu’uuraaleen misoomaa qulqullina qaban ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Naannoo Amaaraa Obbo Biyaaznee Inkuwaahonee gama isaaniin, ibsamni guddina magaalotaa bu’uuraalee misoomaa qabaachuudha jedhan.

Ijaarsii daandiiwwanii biroon magaalotaa naannichaa biroottis akka babal’atuhojjetamaa jiraachuu ragaan biiroo magaalaa fi bu’uuraalee misoomaa naannichaarraa argame ni mul’isa.

Daandichi waliigalaan fageenyaa kiiloomeetiraa 8.5 fi bal’ina meetira 40 kan qabaatuudha jedhameera.

Pirojektichi Humna Elektirikii Kutaa magaalaa Daagimawwii Minilik hanga Daandii qilleensaatti kan ijaaramuu ta’uun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment