Magaalaa Awwadaayitti ijaarsi piroojektii daandii aspaaltii Birrii miiliyoona 377 eegalame

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015(FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Awwadaayitti ijaarsi piroojektii daandii aspaaltii Birrii miiliyoona 377 guyyaa har’aa eegalameera.

Piroojektichi bajata mootummaan kan hojjetamu ta’uu ibsameera.

Sagantaa jalqabsiisaa ijarsa dandii kana irratti Bulchaan Godina Harargee Bahaa , Miseensonni Paarlaamaa, bakka bu’ootni uummataa aanaalee godinichaa garaa garaa irraa walitti baba’an argamaniiru.

Magaalaan Awwadaay magaalaa giddugala daldalaa ta’uufi rakkoon dhiphina daandii magaalattii balaa tiraafikaa hammaataaf saaxilaa turuu Kantiibaan magaalichaa Obbo Diinoo Amiin eeraniiru.

Hawaasni balla’aan piroojektii kana cinaa akka dhaabbatu gafataniiru.

Daandichi wayita xumuramu si’a tokkotti konkolaattota afur keessummeessuu kan danda’u ta’uufi miidhaginaa fi hawwattumaa magaalaattiifis qooda guddaa qabaachuu ibsaniiru.

Bulchituun bulchiinsa godinichaa aadde Miskii Mahaammad gamasaaniin, hojiilee misoomaa hawaasni godinichaa gaafachaa turan yeroo gara yerootti deebisaa kan jiran tahuu ibsaniiru.

Kadir shamshadiintu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment