Magaalaa Awwadaayitti ijaarsa Hidha Haaroomsaa Guddichaaf Birriin miiliyoonni 1 ol walitti qabame

Finfinnee, Bitootessa 11, 2013 (FBC)- Godina Harargee Bahaa bulchiinsa magaalaa Awwadaayitti ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaaf Birrii miiliyoonni 1 ol walatti qabamu ibsameera.

Magaalichaatti sagantaan bittaa boondii  mata turee ‘ijaarsa hidhichaa hirmaannaa hawaasaan galma ni geessifna’ jedhuun  gaggeeffameera.

Sirna bitta boondiichaarratti kan argaman itti gaafatamtuun ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Godina Harargee Bahaa aadde Sa’aadaa Andurrahamaan, hidha haaromsaa guddicha Ityoophiyaa xumursiisuuf hirmaannaan hawaasni taasisuu murteessaadha jedhaniiru.

Magaalaa Awwadaayittis hirmaannaa hawaasaatin bittaa boondiitin Birrii miiliyoona  2 hanga 3 walitti qabuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga ammaatti Birriin miiliyoonni 1 walitti qabamuu ibsaniiru.

Nageessoo Kadiirtu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment