Magaalaa Awwadaayitti doolaarri Ameerikaa kumni 63 ol to’annaa jala oole

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC)- Godina Harargee Bahaa Bulchiinsa Magaalaa Awwadaayitti doolaarri Ameerikaa kumni 63 fi 200 to’annaa jala ooluu Qajeelchi poolisii magaalichaa beeksiseera.

Bulchiinsa Magaalaa Awwadaayitti  Doolaarri seeraan ala socho’aa ture kuma 63 fi 200 Finfinnee irraa gara Jigjigaatti daddabarfamaa ture to’annaa jala ooleera.

Akka OBN gabaaseetti shakkamaan tokkos to’annaa jala oolee qorannoo taasifamaa jiraachuu  Itti Gaafatamaan Waajjira Poolisii Magaalaa Awwadaay Saajin Olaanaa Girmaa Dasee ibsaniiru.

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment