Magaalaa Asoosatti dhaabbilee daldalaa daballii gatii taasiisanirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Magaalaa Asoosatti dhaabbilee daldalaa daballii gatii taasiisan 107 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Daldalaa fi Misooma Gabaa Naannoo Beenishaanguul Gumuz beeksiise.

Torbee darbee eegalee sababa haala waqtaawaa nageenyaan walqabatee dhaabbileen daldalaa hedduun meeshaalee bu’uuraa, Kuduraa fi Mudaraarratti daballii gatii taasiisuu hogganaan Biirichaa obbo Lammeessaa Waawayyaan ibsaniiru.

Daballii gatii hin malle to’achuuf koreen hundaa’ee gara hojiitti galuu eeraniiru.

Dhaabbilee daldalaa seeraan ala daballii gatii taasiisan 107 irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu obbo Lammeessan dubbataniiru.

Dhaabbileen daldalaa 54 saamsamuu fi dhaabbilee daldalaa 53f ammoo of eeggannoon laatamuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment