Magaalaa Asallaatt duulli qulqullina magaalaa gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Duulli qulqullinaa Magaalaa Asallaatti gaggeeffameera.

Jiraattonni Magaalaa Asallaa jireenyi keenya fayyaa buleessa Akka ta’uuf duulaan Magaalaa teenyaa hundaan baanee qulqulleessina jechuun magaala qulqulleessaniiru.

Balfi Magaalaa keessatti gatamu bareedina naannawa fokkisuun alatti dhibeewwan daddarboo waan fiduuf magaalaa qulqulleessuun miidhaginaa Magaalaa fi fayyaa keenya ni eegganna jedhan jiraattoonni duulicharratti hirmaatan.

Sagantaa kanarratti Itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhina bulchiinsa Magaalaa Asallaa obbo Taaddalaa Nugusee dabalatee kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamaniiru.

Jamaal Gandootu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment