Magaalaa Ambootti dhagaan bu’uraa Siidaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa fi giddugala Aadaa fi seenaa Oromoo kaa’ame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2013 (FBC ) – Siidaa yaadannoo Artiist Haacaaluu Hundeessaa fi giddugala Aadaa fi Seenaa Oromoo magaalaa Ambootti ijaaruuf dhagaan bu’uraa kaa’ame.
Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Siidaa yaadannoo Artiist Haacaaluu Hundeessaa fi giddugala Aadaa fi Seenaa Oromoo magaalaa Ambootti ijaarrramuuf dhagaa bu’uraa kaa’aniiru.
Haacaaluun erga ajjeefamee yaadannoo guyyaa 80ffaa sababeeffachuun obbo Shimallisii fi hoggantoonni olaanoon naannichaa mana maatii Haacaaluu dhaquun jajjabeessaniiru.
Siidaan Artiist Hacaaluu Hundeessaa bakka awwaalcha isaatti ijaarrames guyyaa har’aa bakka maatiin, qondaaltonni mootummaa fi dinqisifattoonni isaa argamanitti eebbifameera.
Magaalaa Amboo keessatti Proojektoonni garaagaraa yaadannoo Artiist Haacaaluuf ijaaramaniiru.
Proojektoota kanneen keessaa Yuunversiitii Ambootti kaampaasiin maqaa Artiist Haacaaluu Hundeessaatiin moggaafame eebbifameera.
Sirna kanarratti abbaan Haacaaluu, obbo Hundeessaa Boonsaa, qaamoolee yeroo gadda isaanii cinaa dhaabbattan hunda galateeffataniiru.
Haatii warraa Artiist Haacaaluu Hundeessaa aadde Faantu Damissoo ‘Haceen hin duune hin du’us seenaadhaa ol jira!’ jechuun dubbatteerti.
Akkasumsa obbo Shimallis buufata elektirikaa Amboo fi naannoosheef tajaajilu Birrii miiliyoona dhibba1 fi miiliyoona 10 oliin ijaarame eebbisiisaniiru.
Dhugaasaa Fufaatu gabaase
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment