Finfinnee, Waxabajjii 27, 2015 (FBC) – Magaalaa Aggaarootti piroojektootni 11 Birii miiliyoona 200 oliin ijaaraman eebbifamaniiru.
Piroojaktiin qarqara laga tamsaa,gamoowwaan waajjiraalee fi sheediiwwan baajata mootummaafi hirmaannaa ummataan hojjataman eebbifamaniiru.
Sirna eebbicharratti Hoggantuu Biiroo Daandii fi loojistiikii oromiyaa Injinar Heelan Taamiruu dabalatee Kantibaan magaalaa Aggaaroo Obbo Naziif Mahhamadii fi kutaaleen hawaasaa argamaniiru.
Kantiibaan magaalichaa obbo obbo Naziif Mahammad Amiin, pirojaktootni eebbifaman miidhagina magaalichaa dabaluu keessatti iddoo guddaa akka qaban ta’uu dubbataniiru.
Piroojaktootni eebbifaman rakkoo hawaas diinagdee ummata magaalaa Aggaaroo kan hiikan ta’uu Hoggantuun Biiroo Daandii fi loojistiikii oromiyaa Injinar Heelan Taamiruun dubbataniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.