Magaalaa Aggaaroo fi Kofaleetti Piroojektoonni adda addaa Birrii miiliyoona 584n ijaaraman eebbifaman

Finfinnee, Adoolessa 5, 2016 (FBC) – Magaalaa Aggaaroo fi Kofaleetti Piroojektoonni adda addaa Birrii miiliyoona 584n ijaaraman eebbifamaniiru.

Magaalaa Aggaarootti Manneen murtii Aadaa, buufanni fayyaa, galmi konfiraansii, bakki bashannana dargaggootaa, mana dubbisa kitaabaa dijitaalaa fi piroojektoonni adda addaa 23 fayyadamummaa ummataa mirkaneessan eebbifamaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Aggaaroo Obbo Nazif Mohammadamin akka jedhanitti, pirojektoonni kunneen hirmaannaa ummataa fi baajata bulchiinsa magaalichaa Birrii miiliyoona 523 ijaaraman eebbifamuu eeraniiru.

Godina Arsii Lixaa Magaalaa Kofaleettis pirojektoota misoomaa garagaraa 13 Birrii miliyoona 61 oliin ijaaraman eebbifamaniiru.

Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Godinichaa Obbo Muhaammad Huseen pirojektoota baajata Mootummaan hojjetamaa kanneen eebbisiisuun tajaajilaaf banaa taasisaniiru.

Godichatti gaaffii fi fedhii hawaasa godinichaa milkeessuuf Piroojektoota 556 keessaa pirojektootni 13 Magaalaa Kofaleetti kan ijaaraman ta’uu ibsan.

Warqaafaraahu yaalaw fi Lammaa Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment