Magaalaa Adaamaatti sosochiin duula qulqullinaa baatii 1f turu labsame

Finfinnee, Bitootessa 1, 2013 (FBC) – Magaalaa Adaamaatti sosochiin duula qulqullinaa baatii 1f ture Mata duree ‘Tola Ooltummaan Badhaadhina Waloof’ jedhuun ifatti lamsameera.
Duula qulqullinaa kana Paartii Badhaadhinaa giddugaleessaatti itti gaafatamaan damee sabquunnamtii Oromiyaa obbo Taayyee Danda’aa fi Kaantibaan magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldeen eegalchiisaniiru.
Obbo Taayyeen ummanni magaalaa Adaamaa ani magaalaa koo nan qulqulleessa jechuun tolaan hirmaachuuf qophaa’uutti gammaduu ibsaniiru.
Magaalaa Kunuunsuu fi qulqulleessuun murteessaa ta’uu himaniiru.
Kaantibaan Bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee hojiin hawaasa hin hirmaachisne hin milkaa’u jedhan.
Gufuuwwan misoomaa maqsuun hawaasni hojiilee misoomaa mootummaa fi hirmaannaa hawaasaatiin hojjetamu akka deeggaran dhaamaniiru.
Akka Waajjiirri Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa magaalichaa beeksiisetti,hojii tola ooltummaa kana keessatti hirmaannaa hawaasaa fi abbootii qabeenyaatiin Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 60 ol sassaabuuf karoorfameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment